Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 17

Kaffala Gibira Galma Waaqaa

24 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.

25 Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi’ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.

26 Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi’ii irraa guuran» jedheen.

Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree! 27 Te’uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya’aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi’ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille’eef kaffali!» jedheen.

Veja também