Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 18

Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu

15 «Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. 16 Inni yoo si hin dhage’in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. 17 Inni yoo isaan dhage’uu dide, wolde’a kiristaanaatitti himi; wolde’a kiristaanaalle yoo dhage’uu dide, akka worra Yihudoota hin te’iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.

18 «Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalleetti ka hidhame te’a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalleetti ka hiikame te’a. 19 Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. 20 Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.

Veja também