23 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba’aatitti galiisi guddoo rakkisa’a. 24 Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa limmo’oo19:24Limmo’oo: Limmee, marfee keessa hulluuqiisatti irra kaso’o» jedhe.
25 Barattooti isaa yennaa tana dhage’ane, guddoo maalalanee, «Eentu fayyuu dande’a ree?» jedhane.
26 Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.