Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 2

Dhufa Beekkolee Urjii Qorqortuu

1 Bara Heroodis mooticha te’eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu’uutii gara Yerusaalemii dhufanee, 2 «Mucaan mootii Yihudootaa te’iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane. 3 Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage’e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. 4 Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.

5 Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:

6 «Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa!

Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa

ijjumaayyuu hin diqqaattu;

sababille ka kolbaa tiyya Israa’el bulchu

bulchaan si keessaa bayajedhee barreesseera» jedhaneen.

7 Heroodis dhossa’aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. 8 Achiin duuba, «Dhaqa’aatii, marroo muca’aa miidhassa’aa qorqora’a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima’a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.

9 Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage’ane, ka’anee yaa’ane; karaa irralle’etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba’atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. 10 Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. 11 Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.

12 Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju’uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi’iin gara biyya ifii deebi’ane.

Veja também