Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 2

3 Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage’e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. 4 Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.

5 Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:

6 «Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa!

Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa

ijjumaayyuu hin diqqaattu;

sababille ka kolbaa tiyya Israa’el bulchu

bulchaan si keessaa bayajedhee barreesseera» jedhaneen.

7 Heroodis dhossa’aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. 8 Achiin duuba, «Dhaqa’aatii, marroo muca’aa miidhassa’aa qorqora’a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima’a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.

Veja também