Mammaassa Hojjattoota Fichaa Woyni’ii
1 «Mootummaan ol-gubba’aa nama fichaa woyni’ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru’uuf baye tokko fakkaatti. 2 Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge. 3 Gara saatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko’oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge; 4 innille isaaniin, ‹Isinille gara fichaa woyni’ii dhaqa’aa huja’a; anille kaffaltii malte isinii kaffala› jedheen. 5 Maarre isaanille dhaqane. Gara saatii jaatii fi gara saatii sagaliille’etti inni bayee akkasuma godhe. 6 Gara saatii kudhanii tokkoolle’etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?› jedheen. 7 Isaanille, ‹Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna› jedhaneen. Inni, ‹Isinille gara fichaa woyni’ii dhaqa’aa huja’a› jedheen. 8 Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni’ii toowataa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif› jedheen. 9 Worri gara saatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane. 10 Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane. 11 Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni’ii irratti gungumanee, 12 ‹Hojjattooti duubarra qaxaramane saatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu’utti woxalamaa guyyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite› jedhane. 13 Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‹Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya’atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte? 14 Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si’iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha. 15 Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande’uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?› jedhe» jedhe.
16 Achiin duuba Yesuus, «Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te’an20:16Woraabbiin durii durii gariin, «Worra heddu’utti waamame, ammoo worra diqqa’atti filame» ka jedhu itti dabala.» jedhe.20:16 Mat. 19:30; Mar. 10:31; Luq. 13:30