Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 20

Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise

29 Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko’oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte. 30 Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee’anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage’ane, iyyanee, «Gootta’a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.

31 Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittuma caalchisanee qoonqoo guddo’oon, «Gootta’a, Ilma Daawitii, nuu marari!» jedhaa iyyane.

32 Yesuus dhaabbatee isaan waamee, «Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?» jedheen.

33 Isaan deebisanee, «Gootta’a, ilti teenna akka banantu barbaanna» jedhaneen.

34 Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.

Veja também