Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 21

Yesuus Ulfinna Gudda’aan Yerusaalem Seene

1 Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee, 2 «Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa’a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika’aatii naa fida’a. 3 Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, Gootta’atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisajedha’aan» isaaniin jedhe.

4 Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete; 5 wonni raagaan raagelle,

«Qachaa Xiyooniitiin,

Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee,

harre’ee fi ilmayyoo harre’ee irra tee’ee,

gara keeti dhufaarajedha’aan» ka jedhu.

6 Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane; 7 Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre’ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee’e. 8 Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfirsane. 9 Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee,

«Hosaa’inaa21:9Hosaa’inaa: Hosaa’inaa jechuun, afaan Ibrootaatiin, «Maganne’ee nu fayyis» jechu’u; te’uu malee addee heddu’utti hiikkaa Waaqa galateeffatiisaalle qaba Ilma Daawitiitiif!

Maqaa Gootta’aatiin ka dhufu ka eebbifame!

Hosaa’inaa olii ol-gubbaaatitti!» jette.

10 Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, «Inni kun eennu?» jedhane. 11 Gumiin isa woliin ideentu, «Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila’aa keessatti dhaggamuu dhufe» jette.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também