Yesuus Galma Waaqaa Dhaqe
12 Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, 13 «‹Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu’uu gootane» isaaniin jedhe.