Yesuus Muka Harru’uu Tokko Abaare
18 Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha’aa deebi’u beelote. 19 Muka harru’uu tokko karaa cina’atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru’uun, «Ijjumaa deebi’ee midhaan si irraa hin dhaggamin» jedheen. Yoosuma muki harru’uu sun goge. 20 Barattooti yennaa muka harru’uu san dhaggane, baaseffatanee, «Yoosuma muki harru’uu attam goge?» jedhane. 21 Yesuus deebisee, «Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru’uu irratti te’e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle’een, ‹Asii ka’ii abbaaya’atti darbami› yoo jettanneeyyuu, hin teeti. 22 Dhugeeffanna’aan daadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan» isaaniin jedhe.