Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 22

Gaaffii Marroo Du’aa Ka’iisaa

23 Gaafasuma Saduqooti, worri du’aa ka’iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, 24 «Barsiisa’a, Muuseen, Nami tokko adoo hin uumatin yoo du’e, obboleessi isaa niitii obboleessa du’ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu tijedheera. 25 Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du’e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. 26 Ka lammeesso’oolle, ka sadeesso’oolle, haga torbeesso’ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du’ane. 27 Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. 28 Gaafa worri du’ane ka’anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.

29 Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. 30 Yennaa worri du’ane ka’anu, isaan ol-gubbaatti akka ergantoota Waaqaa te’an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. 31 Marroo worra du’aa ka’iisa worra du’ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? 32 Inni, Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii tijedheera. Inni Waaqa worra jiraata’aa ti malee, Waaqa worra du’aaatii moti» isaaniin jedhe. 33 Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.

Veja também