Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 23:1-7

Hammeenna Barsiisota Seera Muuse’eetii Fi Fariisaayotaa

1 Achiin duuba Yesuus gumi’ii fi barattoota ifiititti dubbatee, 2 «Barsiisoti Seera Muuse’eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse’ee irra te’aneeran. 3 Maarre waan isaan isin barsiisanu godha’a, hordofa’alle’e; te’uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina’a. 4 Isaan ba’aa ulfaattuu, ba’atiisaaf hin dande’ane hidhanee gurmuu worra dhibi’ii irra keyan; ifiif ammoo quballe’een tuquu hin fedhanu. 5 Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. 6 Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, 7 addee dikko’oolle’etti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‹Barsiisa’a› jettee akka isaan waantu jaalatan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.