Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate
1 Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. 2 Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe.