Dhufiisa Ilma Namaa
29 Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba’aalle hin raafanti. 30 Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba’atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba’aatiin hunnaa fi ulfinna gudda’aan dhufuun hin dhaggan.