Dhufiisa Ilma Namaa
29 Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba’aalle hin raafanti. 30 Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba’atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba’aatiin hunnaa fi ulfinna gudda’aan dhufuun hin dhaggan. 31 Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda’aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba’aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.