Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku
36 Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba’aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. 37 Akkuma bara Nohiititti te’e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te’a. 38 Bara san bisaan badi’iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; 39 haga bisaan badi’ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te’a.