Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 24

Tajaajilaa Addatama’aa Fi Hin Addatanne

45 Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama’aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna’aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? 46 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi’u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. 47 Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. 48 Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, Goottaan kiyya hin turayoo jedhee, 49 tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machowanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, 50 goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. 51 Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti bowaa ilkaan qara» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também