Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 25

Mammaassa Worra Beeseen Worqi’ii Itti Kennantee

14 Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubbaaa akka nama biyya fago’oo dhaqiisaaf ka’ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; 15 Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi’ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille’eef kuma tokko kennee gara biyya fago’oo deeme. 16 Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi’ii kuma shan keessaa buufate. 17 Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. 18 Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta’aa san awwaale.

19 «Yennaa dheertu’uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. 20 Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, Gootta’a, ati beesee saantimii worqi’ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseerajedhe. 21 Goottaan isaa, Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!jedheen. 22 Namichi beesee saantimii worqi’ii kuma lama fudhatelle dhufee, Gootta’ajedhee, Ati beesee saantimii worqi’ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseerajedheen. 23 Goottaan isaa, Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa’a; waan diqqo’oon addatanteerta, ani waan guddo’otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!jedheen. 24 Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi’ii kuma tokko fudhatelle dhufee, Gootta’a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; 25 tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo tijedheen.

26 «Goottaan isaa ammoo, Ati tajaajilaa hama’aa fi booseya25:26Booseya: Afachaala.! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? 27 Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu’uu malte; ani yennaa deebi’e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. 28 Maarre beesee san isa irraa fuudha’aatii, namicha beesee saantimii worqi’ii kuma kudhan qabuuf kenna’a. 29 Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille’e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti. 30 Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata’a, achitti bowaa ilkaan qarajedhe» isaaniin jedhe.

Veja também