Yesuus Ijjeesiisaaf Mari’atane
1 Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin, 2 «Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe.
3 Achiin duuba sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoti kolba’aa mana hayyicha gudda’aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee, 4 dhossa’aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari’atane. 5 Isaan ammoo, «Kolbaa oddu’utti raafam hin ka’a fa’aa, yennaa jilaa hin tolchinu» jedhane.
Dubartiin Takka Bitaaniya’atti Yesuus Fiqiree Issite
6 Yesuus Bitaaniya’atti mana Simoonii dur dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan qabameeruu adoo jiruu, 7 dubartiin takka fiqiree gatii guddo’oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee’eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe. 8 Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, «Tun maaf lafatti baddi? 9 Fiqireen tun karra guddo’otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi’iif silaa hin kennamaayyu» jedhane.
10 Yesuus ammoo waan kana beekee, «Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa naaf goote. 11 Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. 12 Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwaalaaf na qopheessite. 13 Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi’iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe.
Yihudaan Yesuus Dabarsee Kenniisaaf Jaraan Wolii Gale
14 Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te’e, gara sooreyyii hayyootaa dhaqee, 15 «Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan naaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii26:15Meetii: Meetiin beesee sibiilaa ti; Kitaab Amaariffaa birrii jedha; akkas jechuun birrii woraqataa adoo hin te’in ka sibiilaa ti soddoma isaaf kaffalane. 16 Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate.
Yesuus Sagalee Jila Irra Dabaramaa Barattoota Woliin Nyaate
17 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si’iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.
18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa’aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilifadha, jedha barsiisaan› jedha’aan» isaaniin jedhe. 19 Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
20 Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee’e. 21 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee na hin keenna» jedhe.
22 Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado’oon, «Gootta’a, dhugumaan ana te’innaa?» isaan jedhiisa jalqabane.
23 Yesuus deebisee, «Ka na woliin harka qorii keyetti dabarsee na kenna. 24 Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du’a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne’e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya» jedhe.
25 Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa’a, dhugumaan ana te’innaa?» jedhe.
Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen.
Irbaata Gootta’aa
26 Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo’oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha’aa, nyaadha’a; kun foon kiyya» jedhe. 27 Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una’a; 28 kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu’uutiif dhangala’e.