Yesuus Getesemaane’etti Daadimate
36 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, «Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee’a’a!» jedheen. 37 Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe. 38 Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du’aatitti, guddoo gadde; isin as tura’aa, na woliin dammaqa’aa tee’a’a!» jedheen.
39 Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande’ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te’uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te’in» jedhe.
40 Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi’ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin saatii tokkolle na woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee? 41 Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.
42 Yesuus ammalle yennaa lammeesso’oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko’oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande’anne yoo teete, fedhiin teeti muummottuu ti» jedhee daadimate.
43 Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge.
44 Maarre ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso’oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate. 45 Achiin duuba inni gara barattootaa deebi’ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, saatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi’iititti dabarfamee kennamu geetteerti. 46 Ka’aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.