51 Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba’aa haga gadii addee lamatti tarsa’e. Latti tachoote, rassaalle dadayya’e. 52 Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka’ane. 53 Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du’aa ka’een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu’utti mudhatane.
54 Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho’a lafaatii fi waan te’e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.