Lallaba Yohaannisii Cuupha’aa
1 Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda’aa keessa lallabaa dhufee, 2 «Mootummaan ol-gubba’aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi’a’a!» jedhe. 3 Isaayaasiin raagichi,
«Nami tokko goomolee keessaa iyyaa,
‹Karaa Gootta’aaf qopheessa’a;
daandii inni irra deemu qajeelcha’a!› »
yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate.
4 Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti. 5 Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte. 6 Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee3:6 Dhugaa baasanee: Faaci’atanee, waakanee, himatanee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphamane.