Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 4

Ataabamuu Yesuusii

1 Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole’ee geesse.4:1 Ibr. 2:18; 4:15 2 Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote.4:2 Bay. 34:2; 1 Mot. 19:8 3 Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te’u ajaji» jedhe. 4 Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’ujedha» jedhee deebise.

5 Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee, 6 «Barreeffam Woyyichi,

«Miilli keeti dhaka’aan akka hin gufanne,

akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf,

ergantoota ifii hin ergawaan jedhuuf,

Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.

7 Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, « Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalinjedha» jedheen.

8 Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba’atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee, 9 «Gad jiddee yoo naaf sagadde, waan kana maraa si’iif hin kenna» jedheen.

10 Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajilijedha» jedheen.

11 Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane.

Veja também