Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 4

Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame

18 Yesuus abbaayaa Galiila’aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi’ii ka te’ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo4:18Caccoo: Waan qurxummi’iin guuranu abbaaya’atti afanuun dhagge. 19 Yesuus isaaniin, «Na hordofa’a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. 20 Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisanee isa hordofane.

21 Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti4:21Subbiisatti: Midhaaffatiisatti, qopheeffatiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame; 22 isaanille yennuma san hobolo’oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane.

Veja também