Sooddaa Fi Ifa
13 Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi’ee kuraawuu dande’a? Alatti gatamee miilaan dhiitama5:13Dhiitama: Irra sirbama malee, womaa bu’aa hin qabu.5:13 Luq. 14:34-35
14 «Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba’atti ijaarame dhokatiisa hin dande’u.