Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 5

Sooddaa Fi Ifa

13 Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi’ee kuraawuu dande’a? Alatti gatamee miilaan dhiitama5:13Dhiitama: Irra sirbama malee, womaa bu’aa hin qabu.5:13 Luq. 14:34-35

14 «Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba’atti ijaarame dhokatiisa hin dande’u. 15 Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. 16 Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.5:16 1 Phex. 2:12

Veja também