Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 5

Diinota Jaalachuu

43 Yesuus, « Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbiakka jedhame dhageettaneertan. 44 Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha’a; worra isin miidhuufille daadimadha’a. 45 Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubbaaa hin teetan; inni aduu ifii worra hama’aa fi dansa’aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te’iniifille hin roobisiisa. 46 Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan! 47 Obboleeyyan5:47Obboleeyyan: jaallan teessan callaa nageya o’aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te’inille sanuma godhan! 48 Abbaan keessan ka ol-gubbaaa mijuu5:48Mijuu: Ka dhidhuu hin qanne akka te’e, isinille mijuu te’aa» jedhe.

Veja também