Arjummaa
1 Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha’a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.6:1 Mat. 23:5
2 «Hiyyeeyyi’iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina’a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. 3 Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. 4 Maarre arjoom keeti dhossa’aan te’uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa’aan tolchitu dhaggu, gatii si’iif hin kenna.
Marroo Daadimatiisaa
(Luq. 11:2-4)
6 Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa’aan huju dhaggu, gatii teeti si’iif hin kenna.