11 Sagalee guyyuma guyya’aan nuu barbaachittu adha nuu kenni.
25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? 26 Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
34 Maarre marroo boruutiif hin yaadayina’a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.