25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? 26 Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? 27 Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle6:27Guyyuma tokkolle: Saatuma tokkolle ka dande’ee dabalatu jiraa?
28 «Marroo woya’aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala’a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. 29 Te’uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. 30 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa’a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo!
31 «Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina’a; 32 worri Yihudoota hin te’in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba’aa hin beeka. 33 Dursa’aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada’a; tun martinuu isiniif hin kennanti. 34 Maarre marroo boruutiif hin yaadayina’a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.