Pular para o conteúdo
Publicidade

Wongeela Maatewoosii 6:26-30

26 Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? 27 Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle6:27Guyyuma tokkolle: Saatuma tokkolle ka dande’ee dabalatu jiraa?

28 «Marroo woya’aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala’a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. 29 Te’uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. 30 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa’a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo!

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.