Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise
28 Yesuus abbaaya’aan gamatti bu’ee biyya Gadara’aa8:28Biyya Gadara’aa: Barreeffam durii durii gariin «Gergeesa’aa», kuun «Geraasa’aa» jedha yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. 29 Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane.
30 Diqquma isaan irraa fago’otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. 31 Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.
32 Yesuus, «Dhaqa’a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
33 Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te’e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te’e achitti odeessane. 34 Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.