Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
5 Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee, 6 «Gootta’a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.
7 Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.
8 Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta’a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla’aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 9 Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille’een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.
10 Yesuus yennaa tana dhage’e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa’el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. 11 Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;8:11 Luq. 13:29 12 worri mootummaa Waaqaa keessa te’uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe. 13 Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si’iif teetuu» jedhe.
Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.