2 Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
3 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse’ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
4 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? 5 ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii deem› jechuu irra kamittuu kaso’o? 6 Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
7 Namichille ol ka’ee gara mana ifii deeme.