Yesuus Namoota Ballaa Lama Fayyise
27 Yesuus achii ka’ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane. 28 Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande’u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Ee, Gootta’a!» jedhaneen.
29 Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe; 30 ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha’a, waan kana nama tokkolle’etti hin himina’a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
31 Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.