9 Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee’eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
Innille ol ka’ee isa hordofe.
10 Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee’ane. 11 Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
12 Yesuus yennaa kana dhage’e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi’iif cidheessa hin barbaachisu. 13 Dhaqa’aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca’aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te’e qorqora’aatii hubadha’a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mar. 2:18-22; Luq. 5:33-39)