Pular para o conteúdo
Publicidade

Neemias 13

12 Achiin duuba kolbaan Yihuda’aa martinuu midhaan irraa, daadhii woyni’iitii fi zayitii ejersaa irraa, kudhan keessaa tokko kolloo meya Galma Waaqaatitti fidiisa jalqabane. 13 Ani Shelemiiyaa hayyicha, Zaadoqii barsiisaa Seeraatii fi Fadaayaa Lewwicha, addatantoota waan te’aneef, itti gaafatantoota mana meya Galma Waaqaa akka te’anu godhe; Haanaanii ilma Zaakurii, akaakoo Mataaniiya’aa, qarqaaraa isaanii godhe. Hujiin isaanii qooda fira isaaniitiif kennamu qoodiisa.

14 Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu; hujii dansaa ani Galma keetiif, tajaajila isaatiif godhe haxoottee hin balleessin!

Veja também