Pular para o conteúdo
Publicidade

Neemias 2

Nahimiyaan Deddeemee Dalleya Ilaale

11 Maarre ani Yerusaalem dhaqee, guyyaa sad achi ture. 12 Achiin duuba ani namoota diqqaa tokko woliin halkaniin ka’e; Yerusaalemiif akka ani hojjadhu waan Waaqi gadhaa kiyya keessa keye nama tokkolle’etti himee hin jiruuyyu. Geejjibi ani fudhadhee deeme geejjiba irra tee’e qofa. 13 Ani halkaniin karaa karra dhooqaa bayee madda jawwe’ee dabaree karra kosi’ii dhaqe; dalleya Yerusaalemii ka diigamee fi karra isi’ii ta ibiddaan gubattee badde ilaale. 14 Achiin duuba gara karra madda bisaaniitii fi baleessa mooti’ii dhaqe; ammoo geejjibi ani irra tee’eeru karaa dabaru dhabe. 15 Maarre ani halkaniin dalleya ilaalaa karaa dhooqaa ol baye. Achiin duuba duubatti deebi’ee, karra dhooqaa seenee deebi’ee gale. 16 Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda’atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju’uu jirulle’etti hin hinne.

Veja também