Nahimiyaan Worra Hujii Isa moromu Injifate
1 Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage’e, aaree guddoo mufatee, nutti murge. 2 Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya’aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande’anii?» jedhe.
3 Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka’aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe.