Pular para o conteúdo
Publicidade

Neemias 4

Nahimiyaan Worra Hujii Isa moromu Injifate

1 Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage’e, aaree guddoo mufatee, nutti murge. 2 Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya’aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande’anii?» jedhe.

3 Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka’aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe.

4 Ani Nahimiyaan, «Ee Waaqa keenna! Nuuti waan tuffatanneef nuu dhage’i; arraba isaanii matuma isaaniititti deebis; akka isaan saamamanuuf, biyya ormaatitti dabarsii isaan kenni. 5 Isaan nu worra ijaaru waan arrassaneef, yakkaa isaanii hin dhossin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa akka baddu hin godhin» jedhee daadimadhe.

6 Maarre kolbaan hujiisaaf dharraa waan qadduuf, nuuti dalleya deebinnee ijaarree, haga dheerinna dalleyaa geessisiisaaf wodhakkeessinee, dalleya mara wol geessinne.

Veja também