Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Nahimiya'aa 8:1-3,8,18

Izraan Seera Waaqaa Kolba’aaf Dubbise

1 Kolbaan Israa’elii martinuu ji’a torbeesso’oo qachoota ifiititti qubatte; ji’a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma’aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse’ee ka Waaqi kolbaa Israa’eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane. 2 Ji’a torbeesso’oo, guyyaa qaraa Izraan hayyichi nami hubatuu dande’u duudiin: dhiirti, dubartiin, diqqa’aa fi guddaan addee wolitti qabamaneeranutti Kitaaba Seeraa fide. 3 Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande’u duratti ganamaa haga orra’aa, qoonqoo guddo’oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette.

8 Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba’aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba’aaf galu hiikanee issane.

18 Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya’aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso’oo aadaan muummeffata jilaa godhame.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.