Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Seera Laakkossaa 14:1-9

Kolbaan Gungunte

1 Halkan san guutuu kolbaan duudiin qoonqoo ol qabattee bootte. 2 Israa’elooti marti Muuse’ee fi Aaron irratti gungumanee, wolde’i marti isaaniin, «Biyya Gibxi’ii keessatti yookiin as goomolee keessatti adoo dhumannee jiraannee nuu woyyaayyu! 3 Mootiin Waan Maraa maaniif akka shallaaga’aan dhumannu lafa tana nu fide? Dubartooti teennaa fi ijoolleen teenna hin fudhatan. Gara biyya Gibxi’ii deebi’uu nuu hin woyyuu?» jedhane. 4 Maarre isaan, «Kowa’a, sooressa filannee, gara biyya Gibxi’ii deebinaa!» woliin jedhane.

5 Achiin duuba Muuse’ee fi Aaron wolde’a kolbaa Israa’elii mara duratti fuulaan lafatti gad gombifamane. 6 Worra lafa dooyane san keessaa lamaan, ilmi Nunii Iyaasu’uu fi ilmi Yofune’ee Kaaleb gaddanee woyaa ifi irratti tarsaasanee, 7 Wolde’a kolbaa Israa’elii duudi’iin, «Latti nuuti dooyiisaaf keessa ideenne guddoo dansa’a. 8 Mootiin Waan Maraa yoo nutti gammade, lafa aananii fi dammaa tana nuuf kennee itti nu hin galcha. 9 Isin callaan Mootii Waan Maraa irratti hin ka’inaa malee, nuuti akka daabbo’oo isaan waan liqinsinuuf, kolbaa biyya sanii hin sodaatina’a. Gaaddisi isaanii isaan irraa deemeera; nu woliin ammoo Mootiin Waan Maraa hin jira; isaan hin sodaatina’a» jedhane.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.