5 Israa’elooti yennaa addee quttumaatii godaaniisaaf qophowanu, Aaronii fi ilmaan isaa ol seenanee gollaa Saanduqa Gondooro’oo ta dhugaa bayaa gollu fuudhanee Saanduqa Gondooro’oo sanitti maranuu ti.
15 «Yennaa addee quttumaatii ka’anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te’u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba’atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna’aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna’aa keessaa ba’atiisa.
24 «Tajaajilli fira Gershoonotaa ka hujiisaatii fi ba’atiisaa ka asii gadii kana:
31 Dunkaanii Woldeenna’aa keessa wonni ba’atiisaaf itti gaafatamanu mikikkila dunkaanii dhugaa bayaa, danqaraa isi’ii woliin, utubaa isi’iitii fi miila isiin ittiin dhaabbatu,