Publicidade

Obadias 1

Adabamiisa Edoomii

1 Mudhiin Mootiin Waan Maraa Waaqi marroo biyya Edoomii Obaadiya'atti mudhise asiin jala jirti:

Ergamaan tokko

gara gosa biyya adda addaa ergamee,

«Ka'aa! Dhandhee,

biyya Edoomii lollaa!» jedhuun

ergaa Mootii Waan Maraa irraa dhagganneerra.

2 Ammalle Mootiin Waan Maraa Edoomiin,

«Kunoo, gosa biyya adda addaa keessatti

akka ati dadhaddu,

ijjumaa akka tuffatantu hin godha.

3 Ati ka mana keeti

addee ol jette gaara irratti ka ijaarratte,

ka holla dhaka'aa keessa leetu,

‹Eentu lafatti gad na buusa?› ka jettu,

koora keetittuu si sobe.

4 Ati akka risa'aa gubbaa irra yoo kaatelle,

mandhee teeti urjoota oddu'utti,

yoo ijaarrattelle,

ani achii gad si buusa

5 Hattuun Yookiin saantuun

halkaniin mana keeti yoo dhufane,

haguma barbaadane qofa fudhatan.

Worri midhaan woyni'ii guuratulle,

woxoo hin lakkisa.

Diinni keeti ammoo

ijjuma si hin balleessa.

6 Isin sanyiin Esaawuu

manni keessan soffameera.

Karri teessan duudiille saamanteerti.

7 Goliin teeti si sobanee,

biyya teeti keessa si ari'ane.

Jaaloti teeti worri addatamane

dhossa'aan tiyyoo si duratti afanee,

‹Qarummaan isaa meet› jedhane.

8 Guyyaa sanitti Mootiin Waan Maraa:

Ani qaroolle Edoom keessaa,

worra hubantii qabu

gaara Esaawuu irraa hin balleessu.

9 Ee qachaa Temaanii!

Loltooti teeti hin bararaqan;

worri gaara Esaawuu irra

jiranu martinuu hin ijjeefaman.

Adabamiisa Edoomii

10 «Sanyii Obboleessa keeti Yaaqoobii

hunnaan waan ijjeetteef,

hin qaanotta;

haga bara baraalle hin badda.

11 Guyyaa alagaan karra saame,

worri ormaa dalleya cassee seenee

Yerusaalem irratti hixaa buufate,

atille akkuma worra sanii itti teetee,

irraa fagaattee dhaabbatte.

12 Guyyaa obboleessi keeti rakkatu

isatti qacifatuun,

guyyaa badii kolbaa Yihuda'aa, gammaduun,

guyyaa gadda isaanii geeraruun

si'iif hin malle.

13 Guyyaa badii kolbaa tiyyaa

qachaa isaanii seenuun,

guyyaa badii isaanii itti qacifatuun,

karra isaaniille saamuun

si'iif hin malle.

14 Guyyaa gadda isaanii

qaxxaamura kara'aa irra dhaabbattee

worra baqatanee bayanu qaddee

dabarsitee diinotatti kennuun,

si'iif hin malle.

Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura

15 «Guyyaan ani Mootiin Waan Maraa

gosa biyya adda addaa maratti muru dhikaateera;

Edoom, akkuma ati nama irratti goote

si'i irralle'etti hin godhama;

hujiin teeti hantuun mataa keetitti hin deebiti.

16 Akkuma kolbaan tiyya

gaara kiyya woyyicha irratti

muduunuu rakko'oo unte,

gosi biyya adda addaa marti

adoo wol irraa hin kutin hin unti;

irra caalaalle hin unti;

akka hin jirrelle hin teeti.

Injifachaa Israa'elii

17 Worri gariin ammoo

gaara Xiyoonii irratti hin hafan,

gaarri Xiyooniille woyyicha hin te'a;

sanyiin Yaaqoobii ammoo

worra lafa isaanii

isaan irraa fudhate irraa

deebifatanee hin fudhatan.

18 Sanyiin Yaaqoobii akka ibiddaa,

sanyiin Yoseefiille

akka bobe'aa te'anee,

sanyii Esaawuu ta akka huuraa

gubanee hin fixan;

sanyii Esaawuu keessaa ka hafu

tokkolle hin jiru.

19 Worri biyya Yihuda'aatiin gara kibbaa jiranu

gaara Esaawuu,

worri gaara jala jiranu ammoo

biyya Filisxeemotaa hin qabatan;

isaan Samaariya'aa fi

lafa sanyii Efreemii hin qabatan;

sanyiin Beniyaaminii ammoo

Giil'aad hin qabatan.

20 Loltooti Israa'elii

worri booji'amee Kana'aan keessa jiru

haga Zaarefa'aatitti hin qabatan;

worri Yerusaalemii booji'amee

Safaaraad jiru

qachoota biyya Yihuda'aa

ka gara kibbaa jiranu hin qabatan.

21 Worri isaan bilisa baasu gaara Xiyoonii irratti

ol bayanee gaara Esaawuu hin bulchan;

yennaa san mootummaan

ta Mootii Waan Maraa hin teeti» jedha.

Veja também

Publicidade
Obadias
Ver todos os capítulos de Obadias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-