Le’ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte
1 Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin12:1Dhugittiin: Ayyaantittiin isii tana. 2 Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.