Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Rooma'aa 13

Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa

1 Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. 2 Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. 3 Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. 4 Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si’iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. 5 Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te’in, sababa wodana’aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. 6 Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. 7 Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.13:7Mat. 22:21; Mar. 12:17; Luq. 20:25

Veja também