Publicidade

Romanos 14

Namatti Hin Murin

1 Nama dhugeeffanna’aan dadhabeeru ifitti qabadha’a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina’a. 2 Nami gariin dhugeeffannaa waan mara nyaachittu qaba; nami dhugeeffanna’aan dadhaba’aa ammoo waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaata. 3 Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera. 4 Ati ka tajaajilaa nama dhibi’ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande’uuf, inni hin dhaabbata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-