Worra Dhibii Hin Gufachiisin
13 Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu’utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha’a. 15 Waan nyaattuun obboleessa keeti ka miitu yoo teete, ati nama jaalalaan le’uu moti. Sagaleen ati nyaattu nama Kiristoos du’eef sababa badi’ii akka teetu hin godhin. 17 Mootummaan Waaqaa mootummaa balchumma’aa, nageyaatii fi gammada Ayyaanni Woyyichi kennuu ti malee, mootummaa nyaataatii fi uniisaatii moti.