Dhugeeffanna’aan Balchoomuu
21 Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse’eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. 22 Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna.