17 Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu’uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du’e du’aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. 18 Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu’uu te’e. 19 Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du’a geye, yookiin gadaamessa Saara’aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna’aan hin dadhanne. 20 Inni dhugeeffanna’aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. 21 Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te’elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu.
Publicidade